Finfinnee, Adoolessa 27, 2018(FMC) – Saganataa Ashaaraa Magariisaa Guyyaa tokkoo mata duree ”Abdii Haa Dhaabnu” jedhuun sadarkaa biyyaalessaatti har’a geggeeffamaa jiruun, jiraattonni magaalaa Jimmaas dammaqinaan ba’anii dhaabaa jiru.Akka magaalichaatti sagantaa guyyaa tokkoo kanaan biqiltuu miliyoona 1 ol dhaabuuf karoorfame.Ganna kana guutummaatti ammoo biqiltuuwwan akaakuu adda addaa miliiyoona 3.6 gandoota magaalichaa hunda keessattii dhaabuuf hojjetamaa jira.Amiinaa Abdallaatu gabaase#Oromia #Ethiopia