TPLF ''mootummaan Itoophiyaa Humna Dafee Dhaqabaa Sudaan Jeneraal Mohaammad Hamdaan Dagaaloon durfamu RSF waliin tahuun Lixa Tigiraay naannoo Shereriinaa jedhamutti Humna Nageenyaa Tigiraay irratti haleellaa raawwate'' jechuun himannaa dhiheesse.