Finfinnee, Adoolessa 27, 2018 (FMC) – Ashaaraan magariisaa misooma waaraa Itiyoophiyaaf gumaacha olaanaa taasisaa jira jedhan Af Yaa’iin Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa Obbo Taaggasee Caafoon.Obbo Taaggasee Caafoon biqiltuu Ashaaraa magariisaa guyyaa tokkoo dhaabaniiru.Hojiileen waggoottaan darban raawwataman milkaa’inoota galmeessuu eeran.Saganticharratti dubartoonni, dargaggoonni, Daa’immaan, Jaarsoliin, abbootiin amantaalee, qaama miidhamtoonnii fi kutaaleen hawaasaa garaagaraa haala ho’a ta’een hirmaachaa jiraahcuu kaasan.Kanaanis oomishtummaan, gabbinni biyyoo, uwwisni Bosonaa, Eegumsi naannoo, qaamolee bishaanii fi dameewwan biroon milkaa’inni argamuu eeran.Sagantichi meeshaa olaanaa uumama waliin waliigaltee uumuun misooma waaraa itti milkeessinuudha jedhan.Sagantichi Kaayyoo waloo Itiyoophiyaanotaa kan milkeesse jechuun ibsan.Miikiyaas Ayyaalaan#Oromia #Ethiopia