Magaalaa Aggaarootti sagantaan dhaabbii biqiltuu guyyaa tokkoo gaggeeffamaa jira

Wait 5 sec.

Finfinnee, Adooleessa 27, 2018 (FMC) – Naannoo Oromiyaa, Magaalaa Aggaarootti sagantaan dhaabbii biqiltuu guyyaa tokkoo gaggeeffamaa jira.Sagantaan guutuu biyyaatti guyyaa tokkotti biqiltuu miliyoona 800 dhaabuuf karoorfame milkaa’ina akka argatuuf jiraattonni magaalattii ganama keessaa sa’aatii 12 irraa eegaluun dammaqinaan ba’anii hirmaachaa jiru.Sagantaan Ashaaraa Magariisaa bara 2018, dhaadannoo “Abdii haa dhaabnu” jedhuun guutummaa Itiyoophiyaa keessatti gaggeeffamaa jira.Sagantaan kun hojii eegumsa naannoo cimsuu, magariisummaa babal’isuu fi dhaloota dhufuuf qabeenya uumamaa itti fufiinsa qabu dhaalchisuu kaayyeffateera.Warqaafarraaw Yaalawutu gabaase#Oromia #Ethiopia