Finfinnee, Waxabajjii 10, 2018 (FMC) – Naannolee filannoo 86 irratti komii dhiyaataniif murtoon kenname jedhe Boordiin Filannoo Biyyaalessaa Itiyoophiyaa.Naannolee filannoo 129 irratti komii paartileen siyaasaa dhiyeessan keessaa 86’f murteen kennamuu ibse.Komiiwwan dhiyaatan ilaalchisee qaamoleen walabaa paartilee siyaasaan beekaman hojii qulqulleessuu hojjetaa turuu hime.Kanneen komiin irratti dhiyaatan keessaa kan naannolee filannoo 75 qoratamuun ragaaleen dhiyaatan kufaa ta’uu ibsameera.Naannolee finalloo 129 komiin irratti dhiyaatan keessaa 86’f murtoon kennamuu fi kan 43 ammoo yeroo itti aanu murtoon kan itti kennamu ta’uu ibse boordichi.#Oromia #Ethiopia