Finfinnee, Waxabajjii 10, 2018 (FMC) – Bu’aan sagalee naannolee filannoo 723 ragga’uun gara kuusaa odeeffannoo galaa jiru jedhe Boordiin Filannoo Biyyaalessaa Itiyoophiyaa.Yeroo ammaa bu’aan sagalee naannolee Filannoo hundaa gara wiirtuu galuun hojiin lakkaawwii xumuramaa jiraachuu Walitti Qabduun Boordii Filannoo Biyyaalessaa Itiyoophiyaa Meelaatawarqi Hayiluun ibsaniiru.Buufataalee filannoo kuma 1 fi 139 keessaa bu’aan sagalee kan Mana Maree Bakka Bu’oota ummataa 501, Mana Maree Naannoo 638 xumuramuun gara wiirtuu galuu ibsan.Kanneen keessaa bu’aan sagalee naannolee filannoo 723 boordichaan ragga’uun gara kuusaa odeeffannoo galuu himan.Dabalataan hojiin bu’aa sagalee buufataalee filannoo 253 mirkaneessuu fi ooditii hojjetamuun boordichaaf dhiyaachuuf qophiirra jiraachuu dubbatan.#Oromia #Ethiopia