Finfinnee, Waxabajjii 7, 2018 (FMC) – Bulchiinsi Magaalaa Shaggar Qormaata Biyyaalessa Kutaa 12ffaatiif qophaa’eera jedhe Hogganaan Biiroo Barnootaa Magaalattii Obbo Firakiyaa Kaasaahun Faanaa Miidiyaa Koorporeeshiiniif akka ibsanitti, bara kana barattoonni kumni 8 fi 932 qormaata biyyaalessa kutaa 12ffaa ni fudhatu.Bulchiinsa magaalattiitti barattoonni qabxii fooyya’aa akka galmeessisaniif deggersa irraa eegalee meeshaalee barbaachisan guutuudhaan qophiin xumuramuu eeraniiru.Magaalattiitti qulqullina barnootaa mirkaneessuuf sirni hordoffii fi deeggersaa cimaan diriiruu, dhaabbileen barnootaa babal’achuu, hojiin hirmaannaa barattootaa cimsuu fi manneen barnootaa ijaaruu hojjetamuu dubbataniiru.Dandeettii barsiisotaa cimsuu fi meeshaalee barnootaa guutuun hojii baruu fi barsiisuuf xiyyeeffannoon kennamus ibsaniiru.Duubatti hafummaa qulqullina barnootaa irratti mul’atu adda baasuu fi furuun bu’aa barattootaa fooyyessuuf ciminaan hojjetamuus kaasaniiru.Taarik Adduunyaatu gabaase