Finfinnee, Waxabajjii 11, 2018 (FMC) – Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebeen Misooma Koriidarii maqa Gooroo hanga Koyyee Faccee jiru eegalchiisaniiru.Kantiibaa Adaanech Abeebeen gama miidiyaa hawaasummaa isaaniin ergaa dabarsaniin, Misoomni koriidarii haaraan kun bu’uraalee misoomaa kanaan dura babal’atan kan wal qunnamsiisuufi sochii diinagdee kan daddamaqsuudha jedhan.Kana malees rakkoo daandii sochii tiraafikaa kan furu ta’uu hubachiisan.Buufata Xiyyaaraa Idil-addunyaa Boolee waliin kan wal qunnamu ta’uu isaan, tataeewwan biyyaalessaa keessummessuuf haalota kan mijeessu ta’uu kaasaniiru.Misoomni koridarichaa magaalarra darbee faayidaan biyyaalessaa isaa olaanaa ta’uu eeruun, jiraattota naannawichaaf carraa hojii bal’aa kan uumu ta’uu ibsaniiru.Misoomni Koriidarii maqa Gooroo hanga Koyyee faccee waliigala Kiimoomeetira 10.5 kan dheeratu ta’uu himaniiru.