Finfinnee, Waxabajjii 12, 2018(FMC)- Rakkoon bulchiinsa gaariifi hojimaata badaa rakkoolee guddina gama maraa biyya tokkoo danqan keessatti eeramu.Rakkoolee akka kanaa furuuf hojimaatilee komii uummataa uumman sakatta’uun sirreessuun dhimma dursi kennamuufidha.Itiyoophiyaanis rakkoolee bulchiinsa gaariifi hojimaata badaa dameewwan garaagaraa keessatti mul’atan furuuf kutannoon hojjechaa jirti.Kanaaf ammoo yaada Ministirri Miimmee Dooktar Abiy Ahimad maddisiisaniin magaalota garaagaraatti hojiirra ooluu kan eegale tajaajilli giddugala tokkoo Masoob qooda olaanaa bahachaa jira.Tarkaanfii guddaa ce’umsa diinagdee diijitaalaa Itiyoophiyaa kan ta’e tajaajilli giddugala tokkoo Masoob agarsiistuu kenniinsa tajaajila mootummaa si’ataa, amanamaafi wailitti fufiinsa qabuu akka ta’e ibsuun ni danda’ama.Giddugalichi teeknooloojiiwwan ammayyaa qindeessuun lammiileen tajaajila si’ataa akka argataniif qooda olaanaa bahachaa jira.Sirni hojimaata isaas lammiileen filmaatawwan diijitaalaa fayyadamuun dhaabbilee garaagaraarraa tajaajila akka argatan akkasumas dhamaatiifi baasii hin malle hambisuuf dandeessisa.Tajaajilli giddugala tokkoo Masoob tajaajiloota garaagaraa giddugala tokkotti kennuurra darbee hojimaata itti gaafatamummaa mirkaneessu qabaachuun isaa adda isa taasisa.Kana malees xiyyeeffannoo mootummaan tajaajiloota namarratti xiyyeeffataniif kenne kan mirkaneessudha.Itiyoophiyaan tajaajila giddugala tokkoo Masoob iddoowwan hundatti babal’isuun tajaajila ammayyaan fayyadamummaa waloo guddisuuf hojiin hojjechaa jirtu cimee itti fufeera.Yeroo ammaa magaalaa Finfinnee qofaatti tajaajilli giddugala tokkoo Masoob 9 hojii kan eegalan yoo ta’u, magaalota naannolee hedduu keessattis babal’ifamaa jiru.Magaalota akka Adaamaa, Dirre Dhawaa, Naqamtee, Hawaasaa, Baahir Daar, Aarbaa Minci, Walaayittaa Sooddoo, Diillaa, Dasee fi kanneen biroo keessatti hojii eegalaniiru.Yeroo itti aanutti giddugala kana bakkeewwan hundatti waliingahuun dhamaatii lammiileefi baasii hin malle hir’isuuf akkasumas tajaajila si’ataa kennuuf qindoominaan hojjechuun barbaachisaadha.Malaakuu Gaddifiin.