Guyyaan Piriimeer Liigiin Ingilaandi bara 2026/27 itti eegalu ifoome

Wait 5 sec.

Finfinnee,Waxabajjii 12, 2018 (FMC) – Guyyaan taphoonni Piriimeer Liigiin Ingilaandi bara 2026/27 itti eegalu ifoomeera.Haaluma kanaa taphni torbee jalqabaa bara Faranjootaa Hagayya 21, 2026 tapha Arsenaal halkan sa’aatii 4:00 Kovanterii Siitii waliin taasisuun eegalama.Hagayya 22, 2026 waaree booda sa’aatii 8:30 eegalee Haal Siitiin Maanchiister Yuunaayitiid waliin morkata.Waaree booda sa’aatii 11:00 jalqabee Eevartan – Kiristaal Paalaas, Ipisiwiich Taawwoon – Sandarlaandi, Notiingahaam Foresti – Liidis Yuunaayitiid waliin yoo taphatan, galgala sa’aatii 1:30 jalqabee Bireentifoord – Tootenhaam waliin morkata.Akkaasuma Hagayya 23, 2026 waaree booda sa’aatii 10:00 eegalee Biraayitan – Astoon Viilaa, Maanchiister Siitiin ammoo Boornimaawuuz waliin taphatu.Galgala sa’aatii 12:30 jalqabee Niwuukaasiil – Liiverpuul waliin yoo taphatu, Hagayya 24, 2026 halkan sa’aatii 4:00 eegalee Fuulhaam – Cheelsii waliin falmata.#Oromia #Ethiopia