Dorgomnee Waan Nuuf Malu Argachuuf Tekinoolojiin Baay’ee Murteessaadha – Dooktar Abiy Ahimad

Wait 5 sec.

Finfinnee, Waxabajjii 13, 2018 (FMC) – Bara kana keessa dorgomnee waan nuuf malu argachuuf tekinoolojiin baay’ee murteessaadha jedhan Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahmad.Ministirri Muummee waltajjii ‘Digital for Excellence’ jedhamuun qophaa’e irratti, tajaajiloota dhaabbilee garaa garaa keessatti kennaman waltajjii tokkoon kan gurmeessu, akkasumas appilikeeshinii tajaajila dijiitaalaa qaindaa’aa Afriikaatti kan jalqabaa ta’e eebbisanii hojii jalqabsiisaniiru.Dooktar Abiy Ahimad saganticha yeroo jalqabsiisan hojimaata mootummaa kanaan dura turan yaadachuun jijjiirama tekinoolojiin deggerame fiduuf tattaaffii ture keessatti hudhaalee fi qormaatawwan turan kaasaniiru.Kanaan dura dhaabbilee mootummaa keessatti itti fayyadama tekinoolojii marsariitii qabaachuu fi dhabuu qofa irratti kan murtaa’e akka ture kan yaadachiisan Ministirri Muummeen, amma garuu dhaabbileen siiviil sarviisii ammayyummaa uffatanii uummataaf tajaajila si’aataa kennaa jiraachuu arguun gammachuu guddaa akka uumu ibsaniiru.Appilikeeshiniin tajaajila dijiitaalaa ‘Masiinqoo’ jedhamu kunis hundee dinagdee akka ta’ee fi ce’umsi tekinoolojii tajaajila mootummaa kennamu irratti taasifamu yeroo lammiilee qusachuu keessatti gahee olaanaa akka qabu addeessaniiru.Tajaajilamaan tokko dhaabbilee mootummaa keessatti yeroo sa’aatiiwwaniif eegaa ture tekinolojiidhaan gara daqiiqaatti xiqqaachuu jechuun, lammiidhaaf bilisaan yeroo dabalataa kennuu akka ta’e eeranii; kun immoo omishtummaa irratti dhiibbaa gaarii akka qabaatu ibsaniiru.Tekinoolojii hojii irra oolchuun tajaajila kennamu irratti hanna fi hojimaata badaa mul’atu hir’isuun, gammachuu fi itti quufinsa lammiilee akka dabalus hubachiisaniiru.Hojimaata ammayyaatiin tajaajila dhaabbilee garaa garaa kanneen akka baankii, galiiwwanii fi tajaajila paaspoortii gidduugala tokkootti fiduun waliin dubbatanii akka qaama tokkootti hojjechuun akka danda’amus ibsaniiru.Yoonaas Geetinnatiin#Oromia #Ethiopia