Finfinnee, Waxabajjii 13, 2018(FMC)- Sadarkaa idil-addunyaatti dorgomtummaa mirkaneessuuf teeknooloojiifi kalaqaaf xiyyeeffannoo kennuun barbaachisaadha jedhan Ministirri Muummee Itti aanaan Obbo Tamasgeen Xurunaan.Yuunivarsiitiin Saayinsiifi Teeknooloojii Adaamaa guyyaa har’aa barattoota sagantaalee garaagaraan barsiisaa ture eebbisiiseera.Obbo Tamasgeen Xurunaa sagantaa eebbaa kanarratti ergaa dabarsaniin, addunyaa jijijjiiramaa ta’e keessatti misooma waaraafi dorgomtummaa mirkaneessuuf beekumsa, qorannoo, teeknooloojiifi kalaqaaf xiyyeeffannoo kennuun barbaachisaa akka ta’e ibsaniiru.Kallattii misoomaa mootummaan kaa’e milkeessuuf imaammata barnootaa bocetti fayyadamuun humna namaa gahoome, ogummaa kalaqaa gonfateefi bu’aa qabeessa ta’e horachuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jira jedhan.Gama Kanaan Yuuniivarsiitiiwwan dhaloota beekumsaan, ogummaan fi naamusa gaariin bocuun ogeeyyii guddinaafi misooma gama maraa biyyaalessaa, ardiifi idil-addunyaa keessatti qooda isaanii bahatan oomishuu keessatti shoora olaanaa qabaachuu eeraniiru.Layikuun Alamtu gabaase.#Oromia #Ethiopia