Finfinnee,Waxabajjii 14, 2018 (FMC) – Kantiibaan Magaalaa Finfinnee aadde Adaanech Abeebeen sagantaa ashaaraa magariisaa bara 2018 eegalchiisaniiru.Sagantaan ashaaraa magariisaa marsaa 8ffaan mata duree ‘abdii haa dhaabnu’ jedhuun gaggeeffamaa jira.Kan dhaabnu Abdii, misooma, magariisummaa, gaaddisaa fi nyaata keenya jedhan Kantiibaa Adaanech Abeebeen.Waloon ta’uun ashaaraa magariisaa kaa’uu keenyaan, Itiyoophiyaan seenaa barri hin jijjiirre hojjette jedhan.Magaalaa Finfinneetti waggoottan torban darban keessaa biqiltuu miiliyoona 90 ol dhaabuun uwwisa magariisummaa daraan guddisuun danda’amuu eeran.Kanaanis uwwisni magariisummaa magaalichaa bara 2010 % 2.8 ture amma % 24 qaqqabuu himan.Finfinnee magariituu, qulqulluu fi miidhagduu taasisuuf hojiilee hojjetamaniin magaalattiin giddugala Tuurizimii ta’uu dandeesserti jechuun ibsan.Kan dhaabnu faayidaa har’aaf qofa osoo hin taane dhaloota misoomaa fi badhaadhina dhaalchisuufi jedhan.#Oromia #Ethiopia