Deeggarsi teeknooloojii mootummaan Ingiliz damee Aviyeeshinii ammayyeessuuf taasise nageenya waloo mirkaneessuuf gargaara- Dooktar Siisaay Tolaa

Wait 5 sec.

Finfinnee, Waxabajjii 9, 2018(FMC) – Deeggarsi teeknooloojii mootummaan Ingiliz damee Aviyeeshinii ammayyeessuuf taasise nageenya waloo mirkaneessuuf gargaara jedhan Itti aanaan Daayrektara Jeneraalaa Tajaajila Nageenya Odeeffannoo Biyyaalessaa Dooktar Siisaay Tolaan.Sagantaan walharkaa fuudhiinsa deeggarsichaa Qajeelcha Olaanaa Nageenya Aviyeeshinii Tajaajila Nageenya Odeeffannoo Biyyaalessaatti gaggeeffameera.Deeggarsichi Birrii miiliyoona 25’tti akka tilmaamamu eerameera.Itti aanaan Daayrektara Jeneraalaa Tajaajilichaa Dooktar Siisaay Tolaa wayita kana deeggarsichi tumsa biyyoota lameenii fi nageenya waloo mirkaneessuuf agarsiistuudha jedhan.Itiyoophiyaafi Ingiliz tumsa qaban cimsanii kan itti fufan ta’uus mirkaneessaniiru.Itiyoophiyaan buufata xiyyaaraa guddaa waggaatti imaltoota hanga miiliyoona 100 fi miiliyoona 20 keessummeessu danda’u ijaaraa jiraachuu kaasanii, kunis gama nageenya Aviyeeshiniin qophaa’ummaa guddaa akka barbaachisu ibsan.Itiyoophiyaatti Ambaasaaddarri Ingiliz Daaran Weelchi gamasaaniin, biyyoonni lameen michummaa cimaa qabaachuu eeraniiru.Deeggarsi damee Aviyeeshinii ammayyeessuuf taasifame kunis kanaaf ragaadha jedhanii, gahumsi Itiyoophiyaan damichaan qabdu kan dinqisiifatamu ta’uu ibsaniru.Daayrektarri Qajeelcha Olaanaa Nageenya Aviyeeshinii obbo Asraat Qajeelaan ammoo Itiyoophiyaan damichaan biyyoota ulaagaalee idil-addunyaa guutan keessatti akka eeramtu ibsan.Deeggarsi damee Aviyeeshinii ammayyeessuuf godhame kunis nageenya balallii mirkaneessuuf qooda olaanaa qabaachuu eeruu isaanii Tajaajilichi Faanaa Diijitaaliif ibseera.#Oromia #Ethiopia