Finfinnee, Waxabajjii 9, 2018(FMC) – Bakka buutonni hidhattoota duraanii Naannoo Oromiyaa keessa socho’aa turanii ajandaa isaanii Komiishinii Maree Biyyaalessaa Itiyoophiyaaf kennaniiru.Komishinichi guyyaa kaleessaa bakka bu’oota hidhattoota duraanii naannicha keessa socho’aa turan waliin marii eegaluun ni yaadatama.Komiishinichi waltajjii maree kana kan qopheesse qophaa’ummaa hidhattoonni duraanii kunniin nageenyaaf dursa kennuun gaaffii isaanii Koomiishinichatti kennachuuf qaban bu’uureffachuun akka ta’es eerameera.Qaamoleen ajandaa isaanii komishinichaaf kennan kunneen hidhattoonni biroonis karaa nagaa akka hordofaniif fakkeenya ta’uu ibsameera.Itti aantuun Komishinara Olaanaa Komishinichaa Hiruut Gabrasillaaseen wayita kana, marichi kutannoo komishinichi ajandaalee Itiyoophiyaanota hundarraa dhufan fudhachuuf qabu agarsiisa jedhan.Komishinichi Yaa’ii marii biyyaalessaa Adoolessa 8, 2018 irraa eegalee Finfinneetti akka gaggeessu ibsuun kan yaadatamudha.Ashannaafii Shibbiruun.#Oromia #Ethiopia