Karoora guyyoota 90 itti aananii baafachuun gara hojiitti galle – Kaantiibaa Adaanech Abeebee

Wait 5 sec.

Finfinnee, Waxabajjii 10, 2018 (FMC) – Filannoon booda karoora jiraattoota magaalaa keenyaa fayyadamoo taasisu kan guyyoota 90 baafachuun hojii qabatamaatti galleerra jedhan Kaantiibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanechi Abeebeen.Hoggantoota magaalaa keenyaa waloon ta’uun gara hojii qabatamaatti galleerra jedhan fuula miidiyaa hawaasummaa isaaniin.Milkaa’ina karoorichaaf jiraattoonni, abbootiin qabeenyaa, dargaggoonni, tola ooltoonni garaagaraa fi qaamoleen dhimmi ilaallatu hundi tumsa irraa eegamu akka taasisan waamicha dhiyeessaniiru.#Oromia #Ethiopia