Finfinnee, Waxabajjii 7, 2018(FMC)- Uummanni Oromoo aadaafi duudhaa isaan deebi’ee akka ijaaramuufi misoomuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jira jedhan Pireezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaan.Obbo Shimallis Abdiisaa Sirna walharkaa fuudhinsa Alangee Gadaa Tuulumaa 71ffaa irratti haasawa taasisaniin, uummanni keenya dhiibbaa garaa garaa isarratti taasifamaa ture dandamachuun sirna Gadaa bobaa isaa jalatti qabatee dhalootaa dhalootatti dabarseera jedhan.Mootummaan Naannoo Oromiyaas sirna kana bakkatti deebisuuf haaromsa aadaa geggeessaa jiraachuu himuun, Oromoon aadaafi duudhaa isaan deebi’ee akka ijaaramuufi ittiin misoomuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu dubbataniiru.Bu’uurri tokkummaa Oromoo Gadaa ta’uu kaasuun, hapheen kana walitti hidhu ammoo safuu ta’uu ibsan.Karaan Oromoon dhugaa isaa itti galfatu, ittiin ijaaramuufi ittiin misoomu Sirna Gadaa ta’uu eeruun, maqaa amantaafi ammayyummaan aadaafi duudhaan keenya duubatti akka hin deebineef irratti hojjechuun murteessaadha jedhan.Haaromsa aadaa geggeeffamaa jiruun Oromummaan akka dagaagu hojjetamaa jiraachuu kaasuun, iddoon ardaa jilaa dhakaa koraa Tuulamaa kunis akkuma ardaa jilaa kaanii waggoottan saddettan dhufanitti kan misoomu ta’uu ibsaniiru.Alangeen gadaa muudanaa kan haqa qajeechu, kan misooma jabeessuufi nageenya waaressu akka ta’us hawwuun, haaromsa aadaa keenya cimsuun gadaa keenya keenya jabeessuun Oromiyaa ijaaruu qabna jechuun dhaamaniiru.Hooggantuun Biiroo Aadaa fi Turizimii Oromiyaa Aadde Jamiilaa Simbiruu gamasaaniin , Biirichi seenaa, aadaa, duudhaafi safuu Oromoo guddisuuf xiyyeeffannoon hojjataa jiraachuu ibsuusaanii ragaan Kominikeeshinii Oromiyaarraa argame ni mul’isa.Barri Gadaa Muudanaas kan misoomaa, nageenyaafi tokkummaa akka ta’us hawwaniiru.#Oromia #Ethiopia