Finfinnee, Waxabajjii 11, 2018(FMC)- Pireezidaantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp fi kan Iraan Masuud Peezeeshkiyaan waliigaltee waraana dhaabuu sadarkaa jalqabaa mallatteessaniiru.Waliigaltichi ulaa Hoormuuz irra deebiin banuu, karoora Iraaniin deebisanii ijaaruuf kan oolu fandii Doolaara biiliyoona 300 fi qoqqobbii Ameerikaan Iraan irra keesse kaasuu kan hammatedha.Akkasumas dhimmi sagantaa niwukilaraa Iraan haala dheeressuun danda’amuu fi daangaa yeroo guyyoota 60 keessatti mariin akka irratti gaggeeffamu ibsameera.Pireezidaanti Doonaald Tiraamp wayita kana karoora nageenyaa dhiyaate deeggaruun waliigaltichi badii diinagdee mudachuuf ture akka baraaru eeraniiru.Waliigaltee xumuraarra gahamuu baannaan Ameerikaan Iraaniin boombiin akka haleeltu akeekkachiisaniiru.Fandii Doolaara biiliyoona 300 Iraaniif ramadame ilaalchisees Ameerikaan kan kaffaltu osoo hin taane qabeenya Iraan jalaa ugguramee ture ta’uu hubachiisan.Gama biraan Pireezidaantiin Iraan Masuud Peezeeshkiyaan sanadicha Roobii kaleessaa mallatteessuu mirkaneessaniiru.Af-yaa’iin Paarlaamaa fi mariisisaa olaanaan Iraan Mahaammad Baagar Gaaliibaaf ibsa miidiyaalee biyyattiif kennaniin, waliigaltee mallatteeffame irratti ulaan Hoormuuz guyyoota 60’f banaa akka ta’u ibsan.Libaanos dabalatee duulli adda waraanaa hundatti gaggeeffama jiru akka dhaabbatu eeraniiru.Yoonaas Geetinnatiin.#Oromia #Ethiopia