Finfinnee, Waxabajjii 10, 2018 (FMC) – Ulaan Hoormuuz boru yookaa Iftaan guutummaatti ni banama jedhan Pireezidaantiin Ameerikaa Doonaald Tiraampi.Ameerikaa fi Iraan waliigaltee waraana dhaabuu Jimaata dhufu ni mallatteessu jedhamee eegama.Akkaataa waliigaltichaan Ulaan Hoormuuz guutummaatti ni banama.Pireezidaantiin Ameerikaa Doonaald Tiraampi Ulaan Hoormuuz walakkeessaan banaa ta’uu himuun, guyyoota lamaan itti aanaan keessatti ammoo guutummaatti ni banama jedhan.Waliigalteen Iraan waliin taasifame daraan cimaa ta’uu Pireezidaanti Tiraampi irra deddeebiin dubbataniiru.Yaadni guutuun waliigaltichaa maal akka ta’u homtuu hin beeku, garuu daraan cimaadha jechuun isaanii ‘ABC News’ gabaaseera.Waldhabdee Ameerikaa fi Iraan gidduutti uumame hordofee Teehiraan ulaa daddabarsa boba’aa murteessaa ta’e Ulaa Hoormuuz irra deddeebiin cufuun diinagdee addunyaarratti dhiibbaa uumaa tureera.#Oromia #Ethiopia