Tapha Faransaay fi Seeneegaal…

Wait 5 sec.

Finfinnee, Waxabajjii 9, 2018(FMC)- Tapha waancaa Addunyaa bara 2026 qopheessummaa Ameerikaa, Meeksiikoofi Kaanaadaan gaggeeffamaa jiruun guyyaa har’aas taphoonni marsaa jalqabaa itti fufanii ni taphatamu.Ramaddii 9 jalatti kan argamtu Faransaay Seeneegaal waliin har’a galgala sa’aatii 4:00 irraa eegalee ni taphatti.Ramaddii dhuma kana jalatti kan argaman Iraaq fi Noorweey halkan sa’aatii 7:00 irraa eegalee kan taphatan ta’a.Ramaddii 10 jalatti kan ramadaman Arjantiinaa fi Aljeeriyaan ammoo halkan sa’aatii 10:00 irraa eegalee taphatu.#Oromia #Ethiopia