Finfinnee, Waxabajjii 9, 2018 (FMC) – Tapha Waancaa Addunyaa irratti hirmaachaa kan jirtu Tuniziyaan tapha jalqabaa ramaddii ishee keessaatti taphatte waan mo’amteef leenjisaa haaraa muuduuf dirqamteetti. Siwidiniin 5 fi 1’n erga injifatamtee booda leenjisaa ishee Saabirii Laamochiinii geggeessiteetti.Bakka isaaniis lammii Faransaay ganna 57 Heervee Reenaardiin leenjisummaa garee biyyaalessaan muuddeetti.Heervee Reenaardi bara leenjisummaa isaanii keessatti gareewwan biyyaalessaa biyyoota Afrikaa yoo leenjisan Tuniziyaan 5ffaa yoo taatu, kanaan dura gareewwan biyyaalessaa Zaambiyaa, Angoolaa, Kootdivowaar fi Moorookoo leenjisaniiru.Garee 6ffaa keessatti kan argamtu Tuniziyaan taphoota itti aananiin Jaappaan fi Neezerlaandi irraas morkii cimaatu ishee eeggata.#Oromia #Ethiopia