Itiyoophiyaatti Laappitooppii fi Taableetii Omishuuf Hojjetamaa Jira – Dooktar Abiy Ahimad

Wait 5 sec.

Finfinnee, Waxabajjii 13, 2018 (FMC) – Itiyoophiyaan waggoota muraasa keessatti omisha laappitooppii fi taableetii jalqabuuf hojii bal’aa hojjechaa jirti jedhan Ministirri muummee Dooktar Abiy Ahimad.Sirna jalqabsiisa appilikeeshinii tajaajila qindaa’aa guyyaa har’aa geggeeffame irratti Dooktar Abiy ergaa dabarsaniin, birmadummaa daataa mirkaneessuuf dhaabbilee keessatti tarkaanfileen qabatamaan fudhatamaa jiru.Kanas caalaatti cimsuuf fi Itiyoophiyaan gara tajaajila omisha haardweeriitti ce’uu akka qabdu amanuun, Inistiitiyuutii Hubannoo Namtolchee fi Yuunivarsiitii Hubannoo Namtolcheen waliin ta’uun ijaarsa waarshaa laappitooppii fi ayipaadii irratti qindoominaan hojjechaa akka jirtu eeraniiru.Dandeettiin software fi daataa irratti mul’ate kun gara omisha hardware-tti yeroo guddattu, bu’uura dhaloota dhufuuf birmadummaa teeknoolojii guutuu uumuuf dandeessisu akka kaa’u ibsaniiru.Yeroo ammaa kana lakkoofsi fayyadamtoota Telebirr miiliyoona 55 gahuu isaa kaasanii, kunis jijjiirama Itiyoophiyaan damee teeknoolojiin fidaa jirtu agarsiisa jedhan.Akkasumas lakkoofsi lammiilee eenyummeessaa dijiitaalaa biyyoolessaa fudhatanii miiliyoona 45 gahuu kaasaniiru.Tajaajila virtual, BPO fi staartaappii (startup) keessatti qacaramuuf beekumsa bu’uura kan qaban koodaroonni (coders) miiliyoona 5 biyya keessatti leenji’uu danda’uunis agarsiistuu biraa ta’uu ibsaniiru.Yeroo ammaa kana lakkoofsi tajaajila giddugala tokkoo Masob kutaalee Itiyoophiyaa adda addaa keessatti 70 gahuus himaniiru.Waggoota ja’a fi torba dura qondaalota waraanaa waliin waa’ee teeknoolojii diroonii haasa’uun akka abjuutti ilalamaa akka ture yaadachiisanii, yeroo ammaa kana garuu dhaabbileen seera kabachiistotaa dandeettii isaanii haalaan guddisuu fi Itiyoophiyaanis diroonii bal’inaan omishuu jalqabuu hubachiisaniiru.Badhaadhina, birmadummaa fi ijaarsa biyya cimaa nuti hawwinu mirkaneessuuf teeknoolojiin haalaan kan gargaaru waan ta’eef, lammiin hundi dhimma kana gadi fageenyaan fudhatee irratti hojjechuun akka irraa eegamus dhaamaniiru.Soosinnaa Alamaayyootiin#Oromia #Ethiopia