Finfinnee,Waxabajjii 10, 2018 (FMC) – Magaalaa Finfinneetti waggoottan darban tajaajila tola ooltummaan hojiileen Birrii biiliyoona 55.7 baasan hojjetaman jedhe Bulchiinsi magaalichaa.Sagantaalee ijoowwan 15 hojiirra oolaniin tola ooltoota miiliyoonaan lakkaawwan hirmaachisuun uwwisaa fi aadaa tajaajila tolaa sadarkaa olaanaatti guddisuun danda’amuu ibsame.Waggaa waggaan giddugaleessaan tola ooltoota miiliyoona 2.6 ol hirmaachisuun lammiilee miiliyoona 9.3 irra deddeebiin fayyadamoo taasisuun danda’ameera.Manneen jireenyaa kumni 46 fi 441 ijaaramuun kutaalee hawaasaa harka qalleeyyii, qaama miidhamtoota fi namoota biyyaaf oolmaa guddaa oolaniif dabarfamaniiru.Lammiilee miiliyoona 6.1’f irra deddeebiin maaddiin qoodameera.Daa’imman maatii hin qabne kuma 2 fi 351’f deeggarsi addaa, lammiilee kaffaluun yaalamuu hin dandeenye kuma 500 fi kuma 25 fi 531’f tajaajila yaalaa bilisaa kennameera.Dhiigni Yuuniitiin kumni 300 fi kumni 54 fi 938 tola ooltota irraa walitti qabamuu ragaan Waajjira Kantiibaarraa argame ni mul’isa.Barattoota kuma 600 fi kuma 32 fi 497 oliif deeggarsi leenjii fi hubannoo cimsuu kannameera.Tajaajilli tola ooltummaa kun duudhaa fi aadaa waltumsuu fi waldeeggaruu caalmaatti dagaagsuu ibse.#Oromia #Ethiopia