Finfinnee, Waxabajjii 11, 2018 (FMC)- Ameerikaan hoggantoota duraanii ABUT(TPLF) fi maatii isaaniirra qoqqobbii viizaa kaa’uu beeksisteetti.Haaluma kanaan Ministirri Dhimma Alaa Ameerikaa Maarkoo Ruubiyoo, aangoo seeraa Immigireeshinii fi lammummaan kennameefin hoggantoota ABUT fi maatii dhihoo isaanii irratti qoqqobbii Viizaa kaa’uun eerameera.Qoqqobbiin Viizaa kun rakkoo naannicha keessa jiru furuuf tattaaffii taasifamu guffachiisuuf qaamolee itti gaafatama qaban ykn namoota gochicharratti hirmaatarratti kan qiyyaffatedha.Ameerikaan ummata Tigraay nageenya barbaadu dabalatee Ummattoota Itiyoophiyaa cinaa dhaabbachuu kan itti fuftu ta’uu ibsichi eereera.Ameerikaan Hoggantoonni ABUT farra nageenyaafi tasgabbii nananichaa ta’aniifi namoonni biroo seeraan akka gaafataman taasisuuf tattaaffii taasiftu cimsite kan itti fuftu ta’uu mirkaneessiteerti.#Oromia #Ethiopia