Finfinnee, Waxabajjii 11, 2018 (FMC)- Itiyoophiyaan gahee hoggansaa fi dursummaa ijaarsa Seenessa Afrikaa keessatti qabdu cimsitee itti fufti Jedhan Waajjira Ministira Muummeetti Ministirri Qindeessaa Giddugala Ijaarsa Sirna Diimookiraasii Dooktar Biqilaa Hurrisaan.Dhaabbilee Yaa’ii jalqabaa Dhiibbaa Uumtoota Miidiyaa hawaasaa Afrikaa milkaa’inaan akka gaggeeffamuuf gahee isaanii bahataniif beekamtiin kenname.Saganticharratti Hoggantoonni Olaanoo mootummaa federaalaa, Hoggantonni dhaabbiilee miidiyaa fi keessummoonni biroon argamaniiru.Yaa’iin dhiibbaa uumtootaa miidiyaa hawaasummaa Afrikaa jalqabaa magaalaa Finfinneetti gaggeeffamuun ni yaadatama.Yaa’ichi maqaa gaarii Afrikaa addunyaatti beeksisuu fi seenessa diijitaalaa Ardichaa ofii ishee abbummaan akka hoggantuuf kan kayyeeffate yoo ta’u, kaayyoo fi karoora isaa guutuumman guutuutti waltajji milkeesse ta’ee xumurameera.Saganticharratti Dooktar Biqilaa Hurrisaan haasawaa taasisaniin, Seenessa Itiyoophiyaa ijaaruun waligalatti seenessa Afrikaa ijaaruuf bu’uura murteessaa ta’uu dubbataniiru.Waa’ee Itiyoophiyaa fi Afrikaa seenaa sirrii fi dhugaa addunyaaf beeksisuu darbees yaadota sirrii hin taane kanaan dura turan jijjiiruuf murteessaa ta’uu eeruun, gama kanaan Miidiyaaleen gahee isaanii yeroo kamuu caalaa cimsuu akka qaban hubachiisaniiru.Yaa’ichi jalqabbii gaarii ta’uu ibsuun, milkaa’inaa isaaf qaamolee gahee isaanii bahatan galateeffataniiru.Ministir Deetaan Ministeera Tuurizimii Dooktar Indaganaa Abbabaa gamasaaniin, yaa’ichi maqaa gaarii Itiyoophiyaa karaa ijaaree fi milkaa’inaan xumuramuu ibsaniiru.Waltajjicharratti Faanaa Miidiyaa Korpooreeshini Yaa’icharratti hirmaanaa olaanaa taasiseef beekamtii argateera.