Oromiyaatti konkolaattotaafi sibiilota tajaajila malee turan caalbaasiin dhabamsiisuun galiin Birrii miil. 200 ol argame

Wait 5 sec.

Finfinnee, Waxabajjii 9, 2018(FMC) – Naannoo Oromiyaatti konkolaattotaafi sibiilota tajaajila malee waggoota dheeraa turan caalbaasiin dhabamsiisuun galiin Birrii miiliyoonni 200 fi miiliyoonni 10 ol argame jedhe Ejensiin Bittaafi Dhabamsiisa Qabeenyaa Oromiyaa.Naannichatti konkolaattonniifi sibiilonni waggoota dheeraaf manneen hojii mootummaa keessa dhaabbachaa turan gurgurtaa caalbaasiin akka dhabamsiifaman taasifamuun eerameera.Ejensichatti Daayrektarri Damee Tilmaama Gatii fi Gurgurtaa Qabeenyawwan Dhabamsiifamanii obbo Saamsoon Waaqwayyaa Faanaa Miidiyaa Korporeshiniif akka ibsanitti, naannichatti bara baajataa 2018’tti konkolaattota 169 fi Doqdoqqeewwan 229 tajaajila malee manneen hojii mootummaa keessa waggoota dheeraaf dhaabachaa turan gurgurtaa caalbaasiin Birrii miiliyoona 100 fi miiliyoona 38 fi kuma 100 fi kuma 50 fi 996’tti gurguruun dhabamsiifamuu ibsaniiru.Kana malees sibiilota manneen hojii mootummaa garaa garaarraa walitti qabaman Kiiloogiraama 822.40 Birrii miiliyoona 71 fi kuma 700 fi kuma 2 fi 984’n gurgurtaa caalbaasiin dhabamsiifamuu eeraniiru.Bara baajatichaatti qabeenyawwan gurgurtaa caalbaasiin dhabamsiisuun Birrii miiliyoona 200 fi miiliyoona 10 fi kuma 600 fi kuma 77 ol mootummaaf galii gochuun akka danda’ame kaasaniiru.Konkolaattota moofaa tajaajila malee dhaabbatan 800 gurgurtaa caalbaasiin dhabamsiisuuf adeemsarra jiraachuus ibsaniiru.Taarik Addunyaatu gabaase.#Oromia #Ethiopia