Garichi faayidaa Ummata Tigraayiif yeroon itti dursa Kenne tokkollee hin jiru – Ataakiltii Haayila Sillaasee

Wait 5 sec.

Finfinnee, Waxabajjii 12, 2018 (FMC) – ABUT faayidaa ummataaf yeroon dursa itti kenne tokkollee hin jiru jedhan Bulchiinsa Yeroo Naannoo Tigraay keessatti kantiibaan duraanii Magaalaa Maqalee Ataakiltii Haayila Sillaasee.Obbo Ataakiltii Faanaa Poodkaastitti akka himanitti, namoonni dhuunfaa garee kana hogganan faayidaa Itoophiyaas ta’ee ummata Naannoo Tigraay osoo hin taane faayidaa mataa isaaniitiif hojjechaa turaniiru. .Gareen kun naannicha keessatti mirga yaada ofii bilisaan ibsachuu lammiilee dhorkuu fi labsiiwwan dhimmoota tokko tokko irratti mirga ofiin murteessuu isaanii mulquu baasuun gocha cunqursaa raawwachaas jira jedhan.Labsiin cunqursaa kun ummanni naannichaa sochii waraanaa garee kanaa yoo morme fi waan qabu qophii waraanaatiif yoo oolchuudhaa baate akka yakkaatti kan fudhatu ta’uu ibsaniiru.Gareen kun jiraattota naannichaa iddoo tokkoo gara iddoo biraatti socho’uu, gurmaa’uu, mirga gaafachuu, qabeenya dhuunfaa bulchuu akkasumas nageenya fi haqaaf dhaabbachuu dabalatee akka yakkaatti kan ilaalu isaas eeraniiru.ABUT duraanii gochi namummaa alaa raawwatu yeroo ammaa ummata Tigraay kan yeroo kamiyyuu caalaa balaa keessa buusaa jiras jedhan.Gareen kun ummata Tigraayiif nan qabsaawa jedhus dhimma gaaffii ummata naannichaa isa kam qabatee akka ka’ee fi gaaffii isa kam deebise kan jedhu yoo qoratame jijjiiramni inni fide akka hin jirre dubbataniiru.Hoggantoonni garee kanaa fedhii ofiitiif malee faayidaa ummataatiif akka hin qabsoofne ibsuun, gareen kun yeroo ammaa ibsa walitti fufiinsaan baasuun yeroon tokkollee ummataaf dursa kennee akka hin beekne eeraniiru.Tewodroos Saahileetiin#Oromia #Ethiopia