Aadaa tola ooltummaa waqtii gannaa sadarkaa olaanaatti…

Wait 5 sec.

Finfinnee,Waxabajjii 12, 2018 (FMC) – Itiyoophiyaan waggoottan darban aadaa magariisa uwwisuu fi tajaajila tola ooltummaa gabbisaa dhufteerti.Qabeenyi uumama haphachaa, haramni biyyoo jabaachaa fi saaxilamummaa gogiinsaa dabalaa jiraachuu hubachuun mootummaan sagantaa ashaaraa magariisaa hojiirra oolchuun biqiltuuwwan biiliyoonaan lakkaawwaman dhaabuu eegaleera.Kanaanis milkaa’inni addunyaa dinqisiise argameera.Adeemsichaan biqiltuuwwan bosonaa, nyaataa fi miidhaginaaf oolaan dhaabbachuun aadaan magariisummaa uwwisuu daran gabbachaa dhufeera.Waggoottan darban keessas biqiltuuwwan biiliyoonni 48 ol dhaabataniiru.Kunis uwwisni bosonaa daran akka dabalu taasisseera.Wabii nyaataaf bu’uura kaa’uun kuduraa fi mudaraa gabaa alaaf dhiyeessuun eegalameera.Qorannoon waggaa lama dura gaggeeffame akka mul’isutti uwwisni bosonaa Itiyoophiyaa gara % 23.6tti ol guddateera.Biqiltuuwwan sagantaa ashaaraa magariisaan dhaabatan wabii nyaataa mirkaneessuu, daldala abaaboo, kuduraa fi muduraa guddisuun dabalataan dandeettii jijjiirama qabeenya qilleensaa dandamachuu dabaleera.Ammas hanguma ganni dhufe aadaa tajaajila tolaa caalmaatti guddisuuf caalmaatti hojjechuun murteessaa ta’uu Tajaajilli Kominikeeshinii Mootummaa dhaameera.Bara kanas hirmaannaa namoota miliyoonaan lakkaa’amaniin rikoordii mataa keenyaa fooyyessuuf biqiltuu biiliyoona 8 ol ni dhaabna.Dargaggoonni beekumsaa fi yeroo isaanii barnootarraa hafe, abbootiin qabeenyaa ammoo qabeenya isaaniin kutaalee hawaasaa harka qalleeyyiif mana ijaaruu fi maaddii qooduu muuxannoo gabbisaa jiru.Dhaabbileen mootummaas muuxannoo tajaajila tolaa babal’isuun gara sadarkaa olaanaatti guddisuun itti gaafatamummaa isaanii bahataa jiru.Waggoottan jijjiiramaa magaalaa Finfinnee fi naannoleetti manneen harka qalleeyyii hedduun haaromfamanii fi haaraa ijaaramaniin jireenyi lammiilee hedduu fooyya’eera.Hojiin misooma Koriidarii magaalotatti eegalame gara baadiyyaattis babal’ateera.Itiyoophiyaanoonni aadaa rakkoo walii waltumsuun furachuu gabbifachaa dhufaniiru.Karoorri bara kana hirmaannaa guddaa kan barbaadu, kan waggoota darbanii caalaa qophaa’e, hojiin tola ooltummaa eenyummaa fi aadaa biyyoolessaa akka ta’uuf qophiin duraa taasifameera.Dandeettii jiru ida’uun karoora Itiyoophiyaa milkeessuuf qophiin duraa xumuramuun gara hojiitti galamuu ibse Tajaajilli Kominikeeshinii Mootummaa.#Oromia #Ethiopia