Finfinnee, Caamsaa 05, 2018 (FMC) – Afrikaan sirna idil-addunyaa carraa ishee egeree murteessu keessatti bakka bu’ummaa ga’aa qabaachuu qabdi jedhan Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad.Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad Ministeerichaa fi Barreessaa Ol’aanaan Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Antooniyoo Gutareez bakka argamanitti, Itiyoophiyaan ayyaana hundeeffama waggaa 80ffaa Mootummoota Gamtoomanii sababeeffachuun tambira walitti qabame beeksisteetti.Saganticharratti Ministirri Muummee Dooktar Abiy akka jedhanitti; ayyaanni hundeeffama dhaabbatichaa, carraa guddaa dhaabbileen idil-addunyaa gam-hedduun addunyaa jijjiiramaa jirtu kanatti akkamitti of madaaqsuu akka qaban itti argisiisanii dha.Waggaa 80 dura waraana mancaasaa addunyaa booda yeroo Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii hundeeffamu, miseensa kan turte Itiyoophiyaan seenaan ishee sirna idil-addunyaa waliin qabdu qajeeltoo irratti kan hundaa’ee fi qormaatilee adda addaa keessa kan darbe ta’uu yaadachiisaniiru.Dhaabbileen fudhatamaa fi seera-qabeessummaa kan argatan yeroo qormaatni isaan mudatu tarkaanfii sirrii fudhachuu yoo danda’an qofa ta’uu ibsanii; abdiin dhaabbilee gam-danneessarratti gatamuus ta’e itti gaafatamummaan irraa eegamu guddachaa dhufuu hubachiisaniiru.Kanaafuu, Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii caalaatti haqa-qabeessa, hunda-hammataa fi haala qabatamaa addunyaa har’aa kan calaqqisiisu akka ta’uuf jijjiirama caasawaa geggeessuu qabajedhan.Keessattuu, Afrikaan dhimmoota carraa ishee murteessan irratti sagalee jabaa qabaachuu akka qabdu hubachiisaniiru.Afrikaan sirna idil-addunyaa keessatti bakka bu’ummaa ga’aa argachuun ishee, amanamummaa fi bu’a-qabeessummaa dhaabbatichaa akka cimsus ibsaniiru.Dabalataanis, hawaasni idil-addunyaa nageenyaa fi tasgabbii, misooma, jijjiirama qilleensaa fi teeknooloojii irratti xiyyeeffannaa fi ariitii guddaadhaan hojjechuun akka irra jiraatu ibsanii; kunis tumsa idil-addunyaa hiika qabu akka barbaadu kaasan.Itiyoophiyaan tumsa gam-daneessa haqa-qabeessa fi bu’a-qabeessa ta’etti akka amantuu fi gara fuulduraattis ijaarsa nageenyaa fi misooma addunyaa irratti qooda ishee ba’achuu akka itti fuftu mirkaneessaniiru.Xumura irrattis, kutannoo Barreessaa Ol’aanaan Mootummoota Gamtoomanii Antooniyoo Gutareez agarsiisanii fi hariiroo gaarii Afrikaa waliin qabaniif galateeffataniiru.Yoonaas Geetinnatiin #Oromia #Ethiopia