Finfinnee, Caamsaa 6, 2018 (FMC)- BRICS nageenya, tasgabbii fi misooma waloo cimsuuf gahee olaanaa bahachuu qaba jedhan Ministirri Ministeera Dhimma Alaa Dooktar Geediyoon Ximootiwoos.Yaa’iin Ministroota Dhimma Alaa biyyoota miseensa BRICS mata duree ”Cimina, Kalaqa, Tumsaa fi Waarummaa ijaaruu “ jedhuun Hindi Niiw Deelhiitti gaggeeffamaa jira.Yaa’icharratti kan hirmaatan Dooktar Geediyoon Xiimootiwoos, Sirna idil Addunyaa biyyoota hunda haqummaan tajaajilu ijaaruuf tattaaffii qindaa’aa fi hundagaleessi ariitiin barbaachiisaadha jedhan.Gaagga’amni idil addunyaa amma jiruu yeroo gabaabaa keessatti yoo hin furamne dhiibbaa diinagdee, faayinaansii fi hawaasummaa hamaa kan hordofsiisu ta’uu hubachiisaniiru.Haaluma kanaan BRICS nageenya, tasgabbii fi misooma waloo cimsuu fi sirna idil Addunyaa biyyoota hunda haqummaan tajaajilu ijaaruuf gahee isaa akka bahatu himuu isaani ragaan Ministeera Dhimma Alaarra argame ni mul’isa.