Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimadii fi Barreessaa Olaanaan Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Antooniyoo Gutareez bakka argamanitti, Itiyoophiyaan ayyaana hundeeffama waggaa 80ffaa Mootummoota Gamtoomanii sababeeffachuun tembeeriiwwan adda guyyaa kaleessaa ifoomsiteerti.Ergaawwan Barreessaa Olaanaan Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Antooniyoo Gutareez saganticharratti dabarsan keessaa muraasa:- Itiyoophiyaan yeroo ammaa addunyaarratti biyya guddina diinagdee saffisaa galmeessaa jirtuudha. Biyyoota Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii hundeessaan 51 keessaa ishee tokko kan taate Itiypoophiyaan, shaampiyoona tumsa gamhedduu idil addunyaatti. Itiyoophiyaa fi Mootummoonni Gamtoomanii tumsa cimaa kan qaban yoo ta’u, Itiyoophiyaan biyya qaroomina durii qabduudha. Biyya birmadummaa ishee kabachiifattee jiraatteedha. Biyyoonni Afrikaa hedduun bilisummaa isaanii akka goonfatan shoora olaanaa biyya bahatteedha. Itiyoophiyaan Afrikaa bakka bu’uun Chaartara hundeeffama Mootummoota Gamtoomanii irratti kan mallatteessete yoo taatu, dhaabbatichis akka cimu tumsa olaanaa gooteerti.Afrikaan Mana Maree nageenyaa keessatti teessoo ishee gitu akka qabaattu biyya adda dureen gaaffii dhiyeessiteedha. Itiyoophiyaan nageenya kabachiisuu, tasgabbii fi misooma idil addunyaa keessatti biyya hirmaannaa olaanaa taasisuun ashaaraa gaarii qabduudha. Finfinneen hojiilee misoomaa raajii hojjetaa jirtuun Giddugala Dippiloomaasii idil-addunyaa taateerti. Teessoo Gamtaa Afrikaa fi dhaabbilee idil addunyaa kan taane Finfinnee guddina raajii galmeessaa jirti. Mootummoonni Gamtoomanii hariiroo fi tumsa mootummaa fi Ummata Itiyoophiyaa waliin qabu caalmaatti cimsee itti fufa.#Oromia #Ethiopia