Itiyoophiyaan birmadummaa fayyaa mirkaneessuuf hojiileen hojjetaa jirtu Afrikaaf fakkeenya kan ta’udha – Piroofesar Roomaa Chilaangii

Wait 5 sec.

Finfinnee, Sadaasa 19, 2019 (FMC) – Itiyoophiyaan birmadummaa fayyaa mirkaneessuuf hojiileen hojjetaa jirtu biyyoota Afrikaa biroof fakkeenya kan ta’udha jedhan Ministirri Fayyaa Zaambiyaa Piroofesar Roomaa Chilaangiin.Yaa’iin Fayyaa Hawaasaa Afrikaa Idil Addunyaa 5ffaa Finfinneetti gaggeeffameera.Yaa’icharratti kan hirmaatan Piroofesar Roomaa Chilaangiin, Mootummaan Itiyoophiyaa tajaajila fayyaa Hawaasaa babal’isuun hojiiwwan dinqisiisoo hojjechuu isaa ibsan.Keessattuu, dandeettii dhaabbilee fayyaa fooyyessuu, du’a haadholii hir’isuu fi kenniinsa tajaajila fayyaa kalaqaan deeggarame hojiirra oolchuun guddina qabatamaa galmeessuu isaa hubachuu dubbatan.Itiyoophiyaan sagantaalee fayyaa ofiin hoogganuu, akkasumas gumaacha qaamolee dhimmi ilaallatu karoora tokko jalatti qindeessuu keessatti sadarkaa olaanaa irra gahuu ishee ibsan.Tarsiimoowwan Itiyoophiyaan hojiirra oolchaa jirtu bu’a qabeessa ta’aa jiraachuu kaasan.Itiyoophiyaan birmadummaa fayyaa ishee mirkaneessuuf hojiiwwan hojjechaa jirtu biyyoota Afrikaa biroof fakkeenya ta’uu kan danda’an ta’uu ibsuu isaanii ENA’n gabaaseera.#BiyyaGuddoo #UummataGuddaa #MullataGuddaa