Finfinnee, Sadaasa 19, 2019 (FMC) – Finfinneen yeroo tokkotti Keessummoota kuma 35 simattee milkiin keessummeessuun,yeroo itti aanu ammoo keessummoota kuma 80 simachuuf qophiitti jirti.Waggoota dhiyoo as hojiiwwan misooma magaalaa garaagaraa hojjetteen, Afrikaa qofaaf osoo hin taane addunyaa hundaaf fakkeenya ta’uu kan dandeesse Finfinneen, falaasama Ida’amuun qajeelfamtee jijjiirama raajii galmeessaa jirti.Hojiileen misoomaa hojjetaman aadaa hojii haaraa, hirmaannaa uummataa, akkasumas saffisaa fi kalaqaan deeggaramuun isaa adda isa taasisa.Har’a Finfinneen keessummoota kumaatamaan lakkaawwaman simachuun keessummeessaa jirti.Tibbana Yaa’ii Fayyaa Hawaasaa Afrikaa Idil Addunyaa keessummoonni biyyoota 100 irraa dhufan kuma 35 irratti hirmaatan milkiin keessummeessiteetti.Akkasuma Fooramii Misooma Daldalaa Afrikaa 2026, Yaa’ii Midhaan dheedhii fi Zayitaa Idil Addunyaa keessummeessurratti argamti.Waltajjiiwwan kanneenirratti keessummoonni idil addunyaa kumaatamaan lakkaawwaman hirmaataniiru.Amma muuxxannoon ishee waltajjiiwwan sadarkaa ardii fi Idil addunyaa ga’umsaan qopheessuu qabdu guddachuurra darbee dinqisiifannaa olaanaa argateera.Walga’iiwwan kunneen milkaa’inaan fi haala miidhagaa ta’een gaggeeffamuun isaanii, madda galii dinagdee guddaa ta’uu qofa osoo hin taane, maqaa gaarii biyyaas kan ijaaranidha.Yeroo itti aanu ammoo Yaa’ii Jijjiirama Qabeenya Qilleensaa Mootummoota Gamtoomaanii 32ffaa hirmaattoonni kuma 80 caalaan irratti hirmaatan keessummeessuuf qophiitti jirti.#BiyyaGuddoo #UummataGuddaa #MullataGuddaa