Hawaasni dippiloomaasii biqiltuu Ashaaraa magariisaa dhaaban

Wait 5 sec.

Finfinnee,Waxabajjii 23, 2018 (FMC) – Hawaasni dippiloomaasii teessoo isaanii Finfinnee godhatan biqiltuu Ashaaraa magariisaa dhaabaniiru.Ministir Deetaa Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaaddar Hadaraa Abarraa dabalatee hoggantoonni dhaabbilee garaagaraa, Ambaasaaddaroonnii fi Dippiloomaatoonni biyyoota adda addaa saganticharratti argamaniiru.Hawaasni dippiloomaasii kunneen Paarkii Inxooxxootti biqiltuuwwan faayidaalee adda addaa qaban dhaabanirru.Itiyoophiyaan sagantaa ashaaraa magariisaan hojii fakkeenyummaa olaanaa qabu raawwachaa jiraachuu Ambaasaaddar Hadaraa Abarraan himaniiru.Kunis waltajjiiwwan idil-addunyaa irratti beekamtii argachuu bira darbee, COP 32 keessummeessuuf akka filatamtu taasiseera jedhan.Sagantaan Ashaaraa Magariisaa bu’aa tokkummaa Itiyoophiyaanootaa ta’uu Daayrekterri Olaanaan Abbaa Taayitaa Eegumsa Naannoo Kumarraa Waaqijiraan dubbaniiru.Uumama kunuunsuu fi eeguun nagaa fi misooma mirkaneessuuf gumaacha olaanaa qabaachuu kaasan.Ashannaafii Shibbiruutiin#Oromia #Ethiopia