Finfinnee, Waxabajjii 23, 2018 (FMC) – Xiyyeeffannoo misooma tuurizimiif kennameef ka’umsi mul’ata keenya jedhan Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad.Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad mata duree ‘Motora Haaraa Diinagdee ‘ jedhuun Teeleevizyinii NBC Itiyoophiyaa waliin turtii taasisaniiru.Dooktar Abiy turtii dhimmoota Tuurizimiirratti taasisaniin, Xiyyeeffannoo tuurizimiif kennameef ka’umsi mul’ata keenya, mul’anni keenya biyya badhaate, jijjiramte, kabajamte fi guddatte ijaarree dhalootaaf dabarsuudha jedhan.Mul’ata kanneen milkeessuuf Itiyoophiyaan maal irratti hojjettee bu’aa qabeessa taati, akkasumas badhaati jennee hojii jalqabnee jedhan.Diinagdeen Itiyoophiyaa waggoota dheeraaf Qonna qofarratti xiyyeeffatee turuu fi inniyyuu sadarkaa gahaan guddachaa akka hin turre ibsan.Yeroo gabaabaa keessatti guddinaafi misoomaa barbdaame galmeessuun akka hin danda’amne eeraniiru.Diingdeen qonna irratti xiyyeeffate sun dameelee biroos sochoosuu hin dandeenye ture jedhan.Kanaanis, biyyattiin dinagdee dam-hedduun hoogganamuu akka qabdu yaaduun, dameewwan guguddoon shanan adda baafamuu akeekaniiru.Kanneen keessaa dameen tuuriizimii isa tokko ta’uu kan eeran Dooktar Abiy, ka’umsi isaas qabeenyi damee tuurizimiin addunyaa irratti socho’uu olaanaa ta’uu ibsan.Qabeenya kanarra Itiyoophiyaan haggam buufatti maal argatti isaa jedhurratti hojjechuu murteessaa ta’uu hubachuun, damee kana guddisuun, akka biyyoota biroo galii olaanaa argachuun dameewwan biroo deeggaruu akka danda’uuf hojjechaa jiraachuu dubbataniiru.Turiizimiin dhimma tokko qofaaf kan oolu waan hin taaneef, daawwattoonni dhufan oomisha biyya keessaa bitachuu, beekumsa dabalataa maddisisuun, hariiroo uumuu akkasumas investi gochuu yoo danda’an faayidaalee olaanaa argamsiisuu jedhan.Gama birataiin, turiizimiin dameewwan carraa hojii bal’aa uuman keessaa isa tokko ta’uun, xiyyeeffannoo olaanaan akka kennamuuf taasiseera dha kan jedhan.Addunyaa irratti waggaa waggaan namoonni miliyoona 300 fi miiliyoonni 70 ta’an damee kanaan carraa hojii akka argatan kan himan Dooktar Abiy, kanneen keessaa lakkoofsa muraasa Itiyoophiyaan yoo qooddatte jijjiirama olaanaa kan fidu ta’uu dubbatan.Dameen tuurizimii seektaaraalee biroof faayidaa olaanaa qabaachuus eeruun, dameewwan indaastrii fi biiznaasii xixxiqoo akka fayyadu ibsan.Darbee darbees dameen kun invastimantii alaa kallattii kan argamsiisu ta’uu ibsaniiru.Itiyoophiyaan damichaa caalaatti guddisuu fi lakkoofsa tuuristootaa dabaluuf hojjechuun, faayidaa damee kanarraa argamu guutummaatti akka fayyadamtu xiyyeeffannoon kenname hojjetamaa jiraachuu kaasaniiru.Namoonni miiliyoonaan lakka’aman kutaalee addunyaa garagaraa kan daawwatan ta’uu eeruun, biyyoota Afrikaattis bifuma walfakkatuun yaa’iinsi tuurizimii miiliyoonotaan lakka’amu jiraachuu himaniiru.Tuurizimiin kaayyoo tokko qofaaf hin dhufuu kan jedhan Dooktar Abiy, faayidaa dam-hedduu qabaachuu himaniiru.Tsahaay Gulummaatiin.