Dadammaqina damee tuuriizimiif seektarri dhuunfaa qooda bakka bu’iinsa hin qabne taphateera – Dooktar Abiy Ahimad

Wait 5 sec.

Finfinnee, Waxabajjii 23, 2018 (FMC) – Dadammaqina damee tuuriizimii Itiyoophiyaatiif seektarri dhuunfaa kallattiin gumaacha maallaqaa gochuun qooda bakka bu’iinsa hin qabne taphachaa jiraachuu Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad ibsan.Ministirri Muummee bilisummaa waa’ee damee tuuriizimii ilaalchisee gaaffii fi deebii geggeessaniin, hojiiwwan misooma tuuriizimii walta’iinsa mootummaa fi seektara dhuunfaatiin raawwatamaniin jijjiiramni qabatamaan galmeeffameera jedhan.Waggoottan dabraniitti qophiiwwan ‘Maaddiin Shahgariif’, ‘Maaddiin Biyyaaf’ fi ‘Maaddiin Dhalootaaf’ jedhuun bu’uraaleen misooma tuuriizimii ijaaraman damichi akka dadammaqu gargaaruu eeraniiru.Hojiiwwan bu’uraalee misooma tuuriizimii dhimmoota bu’uraa afur irratti xiyyeeffachuun hojjatamaa turuu kan ibsan Dooktar Abiy, isaanis iddoowwan daawatamanii fi hambaalee, bakkeewwan bultii daawwattootaa, akkasumas bu’uraalee misoomawwan geejjibaa fi dijiitaalaa ta’uu ibsaniiru.Hojiiwwan kunniin dhugoomuu kan danda’an walta’iinsa mootummaa fi seektara dhuunfaa, investimentii kallattii seektara dhuunfaa, walta’iinsa seektara dhuunfaa fi uummataa, akkasumas qabeenya biyyoota michootaa walitti ida’amuun ta’uu dubbataniiru.Pirojektoonin ‘Gabataa’ yeroo raawwatamanitti, maaddii tokko irratti qarshii miliyoona 5 ol gumaachuun qooda fudhachuun alatti, mataa isaaniitiinis rizoortota adda addaa ijaaraa jiraachuu dubbataniiru.Pirojektoonin kunniin abbootii qabeenyaa haaraa gara misooma tuuriizimiitti harkisuu bira darbee, misoomsitooti duraanii damee kanarratti bobba’an hojiiwwan misoomaa bakka ga’umsa tuurizimii irratti hojjetan akka guddatu ga’ee taphachaa akka jiran hubachiisaniiru.Pirojektoota kanneen keessatti investimentii seektara dhuunfaa biratti, uummatni naannoo isaa eeguu fi uumama kunuunsuun hirmaannaa dinqisiisaa gochaa jiraachuu eeranii, hojiiwwan misoomaa akkanaa hirmaannaa uummataa malee akka hin milkoofne cimsanii kaasaniiru.Inxooxxoo, Ikkoo-tuuriizimii Wancii, Haroo Loogoo, akkasumas Paarkii Biyyaalessaa Baalee keessatti gumaacha uummatni gumaache akka fakkeenyaattis eeraniiru.Qabeenya biyya keessaan alattis biyyoonni michootni Itiyoophiyaa deeggarsa olaanaa gochuu isaanii kan ibsan Ministirri Muummeen, ijaarsa masaraa mootummaa Arat Kiiloo keessatti Emireetoti Araba Gamtoomanii deeggarsa gochuu dubbataniiru.Haaluma walfakkaatuun, Faransaay hojii haaroomsa Masaraa Mootummaa Biyyaalessaa deeggaruu yaadachiisanii, misooma walfakkaataa Jimmatti hojjatamaa jiru Xaaliyaan sadarkaa olaanaan deeggaraa jiraachuu ibsaniiru.Kaka’umsa mootummaatiin dadammaqiinsi damee tuuriizimii keessatti uumame bu’aa walitti ida’amuu qabeenyaa fi beekumsa lammiilee, seektara dhuunfaa fi biyyoota michootaa ta’uu ibsaniiru.Hayilamaariyam Taganyiin