Finfinnee,Waxabajjii 24, 2018 (FMC) – Baankiin Awaash bara baajataa kana taaksii dura Birrii biiliyoona 40 bu’aa argadhe jedhe.Baankichi bara kana dameewwan dabalataa 25 banuu fi damee Diijitaalaan caalmaatti ammayyaa’uu Hojii Raawwachiisaa Olaanaan Baankii Awaash obbo Tsahaay Shifarraan ibsaniiru.Bu’aa dimshaashaa Birrii biiliyoona 40 argachuu eeruun, kaappitaalli isaas Birrii biiliyoona 10.6tti guddachuu kaasan.Baankichi kuufama maallaqa waliigalaa Birrii biiliyoona 400 fi biiliyoona 67 ol qabaachuu ibsan.Tajaajila Liqaa idileen Birrii biiliyoona 53, akkasuma karaa Diijitaalaan Birrii biiliyoona 2.6 maamiltootaaf kennuu kaasan.Sharafa Alaa Doolaara biiliyoona 2.6 ol walitti qabuus dubbataniiru.#Oromia #Ethiopia