Hojiilee Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad baatiwwan Caamsaa fi Waxabajjii keessa raawwatan

Wait 5 sec.

Dooktar Abiy Ahimad Baatiwwan Caamsaa fi Waxabajjii keessa hojiilee Filannoo Waliigalaa 7ffaa, Tuurizimii, sagantaa Ashaaraa Magariisaa, Diijitaal Itiyoophiyaa, Riifoormii mandhalee fi Dippiloomaasaa naannawaarratti xiyyeeffatan raawwataniiru.Hojiilee Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad baatiwwan Caamsaa fi Waxabajjii keessa raawwatanDooktar Abiy Ahimad baatiwwan Caamsaa fi Waxabajjii keessa hojiilee Filannoo waliigalaa 7ffaa, Tuurizimii, sagantaa Ashaaraa Magariisaa, Diijitaal Itiyoophiyaa, Riifoormii mandhalee fi Dippiloomaasaa naannawaarratti xiyyeeffatan raawwataniiru.● Filannoo waliigalaa 7ffaa Caamsaa 24, 2018 gaggeeffamerratti bakka dhaloota isaanii Aanaa Bashaashatti argamuun sagalee kennaniiru.Lammiileen Itiyoophiyaa ijaarsa diimokiraasii fi jaalala biyyaaf murannoo agarsiisan dinqisiifataniiru.Boordiin Filannoo Biyyaalessaa Waxabajjii 14, 2018 bu’aa filannoo kan ifoomse yoo ta’u, bu’aa argame ilaalchisee hoggantoonni biyyootaa fi dhaabbilee idil addunyaa garaagaraa ergaa baga gammaddanii dabarsaniiru.● Sagantaan eegalchiisa Ashaaraa Magaariisaa Baatii Waxabajjii keessa kan gaggeeffame yoo ta’uu, Dooktar Abiy Ahimadis saganticharratti argamuun ashaaraa isaanii kaa’aniiru.Bara kana biqiltuuwwan biiliyoonni 8 ol ni dhaabbatu.Sagantichi mata duree ‘ abdii haa dhaabnu’ jedhuun gaggeeffama.● Adeemsa Diijitaal Itiyoophiyaa dhugoomsuu fi saffisiisuuf dhaloota haaraa horachuu tilmaama keessa kan galche ‘Koodaroonni miiliyoonni 5’ Adoolessa 16, 2016 eegalame.Sagantichi yeroo jedhame dursee xumuramuu hordofee Dooktar Abiy Ahimad Ummata Itiyoophiyaan baga gammaddan jedhan.● Manni Maree Ministirootaa Walga’ii idilee 56ffaa fi 57ffaa gaggeesseen murtoowwan garaagaraa dabarseera.Manni Marichaa wixinee baajata bara 2019 Mootummaa Federaalaa Birrii Tiriiliyoona 2 fi Biiliyoona 300 fi Biiliyoona 39 fi Miiliyoona 200 fi Miiliyoona 68 fi kuma 100 fi kuma 26 fi 738 ta’uun Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataaf akka qajeelfamu murteesseera.Akkasuma dhimmoota adda addaarratti mari’achuun murtoowwan dabarseera.Haaluma walfakkaatuun walga’ii idilee 57ffaan Waliigaltee Liqii fi Deeggarsa Faayinaansii, Kafaltii Tajaajilaa:- Ministeera Bishaanii fi Inarjii, Tajaajila Kuusaa fi Kuusaa kitaaba Biyyaalessaa Itoophiyaa, akkasumas Tajaajila Madaallii fi Qormaata Barnootaatiin kafaltii tajaajilaa murteessuuf dhihaate irratti mari’ateera.Wixiinee Imaammata Indaastirii Konstraakshinii fi Imaammata Misooma Magaalotaa ilaalchisee dhiyaaterratti mari’achuun murtoo dabarseera.● Daawwannaa fi Eebba PirojektootaaSeenaa Afriikaa keessatti ijaarsii buufata xiyyaaraa idil-addunyaa Bishooftuu guddichi Ministira Muummee Dooktar Abiy Ahimadiin Amajjii 2 bara 2018  bifa ifaan jalqabamuunsa ni yaadatama.kunis yeroo xumuramu waggatti imaltoota miiliyoona 100 fi miliyoona 10 kan keessummeessu fi dandeettii buufata xiyyaaraa idil-addunyaa Boolee dacha 4.4 kan caalu yoo ta’u, pirojektiin kun biyya keenya wiirtuu aviyeeshinii adda duree ni taasisu.Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad  Waxabajjii 8 bara 2018 iddoo kanatti argamuun sadarkaa pirojektichaa kan ammaa fi  boqonnaa guddina isaa quubsaa ta’e daawwataniiru. Kanaan walqabatee sirnakkoo uumamaa fi qonna magaalaa qindeessu kan Inxooxxoo irraa hamma Qacanee Madaanaalamitti jiru ifaan kan jalqabsiisan yoo ta’u, magaalaa guddittii keenya wiirtuu turiizimii kan taasisu misooma qarqara laga Inxooxxoo-Qabbanaa heektaara 87.6 eebbisaniiru; qulqullinaa fi ariitiin ijaaramaa kan jiru sadarkaa raawwii ijaarsa manneen jireenyaa konteenerootaa fi 3D daawwataniiru.● Dippilomaasii fi Walitti Dhufeenya Gam-lameeMinistirri muummee Dooktar Abiy Ahimad  jila taajjabdoota filannoo Gamtaa Afriikaa pirezidaantii duraanii Keeniyaa Uhuuru Keeniyaataatin durfamu waliin kan mari’atan yoo ta’u, dhaabbileen Afriikaa ijaararsa sirna diimokiraasii ardattii irratti shoora furtuu qabaniif beekamtii olaanaa kennaniiru. Hojii dandeettii dhaabbilee ardichaa kana cimsuun gara walta’iinsa naannichaattis cehuun, pirezidaantii Somaaliyaa Hasan Sheek Mohammud waliin dinagdee gam-lamee, nageenyaa fi tasgabbii naannawichaa irratti  marii firii qabeessaatti geeggeessaniiru. Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad carraa kanaan walitti dhufeenyi dippilomaasii biyyoota lamaanii daangaa irra darbuun uummata waloo fi carraa carraa adda ba’uu hindandeenye irratti kan hundaa’e ta’uu hubachiisaniiru.● Raawwiiwwan ji’a Waxabajjii keessaa waltajjii “Itoophiyaan Ni Raawwatti” jedhamu irratti Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad kan hirmaatan yoo ta’u, Itoophiyaan caasaa dinagdee, qonna, albuuda, investimantii fi dameewwan gurguddoo biroo irratti jijjiiramaan alatti gara ce’umsa waaraatti ce’uuf ejjennoo cimaa fudhattee fi riqicha tarkaanfii ishee irratti ibsi kennameera.Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad jijjiiramoonni argaman carraan kan argaman osoo hin taane, caalaatti hafuura ‘Iddaamuu’ irratti hundaa’uun obsaan, waliin dhaabbachuun tarkaanfiiwwan murteessoo fudhatamaniin ta’uu eeranii, injifannoowwan kanneen kan waaraa gochuuf dhimma bu’uuraa tumsa waloo fi wal-harkaa fuudhiinsa dhalootaa barbaadu waan ta’eef Itoophiyaanota hundaaf waamicha dhiyeessaniiru.● Dhiyaachuu yeroo gannaa hordofuun, Aanaa Goorootti ijaarsa manneen haaraa 20 kan hammatu duulli tajaajila tola ooltummaa Ministira Muummee Dooktar Abiy Ahimadiin jalqabameera.Bu’uuraalee misooma gurguddoon kunniin sosochii biyyaalessaa waliin walitti hidhuun, harki hojjetu, afaan dubbatuu fi sammuun yaadu kan itti wal simatan seenaa milkaa’aan ji’icha keessa galmaa’eera.● Raawwiiwwan walakkaa Caamsaa fi Waxabajjii bara 2018 marii turiizimiitiin kan xumurame yoo ta’u, gaaffi fi deebii kana irratti Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad turiizimiin damee dinagdee ijoo qofa osoo hin taane calaqqee eenyummaa Itoophiyaa ta’uus ibsaniiru.Eegumsa hambaa irratti jijjiiramoota taasifaman, akkasumas babal’ina turiizimii ta’iiwwanii kaasanii, kunis lakkoofsi daawwattootaa haala olaanaadhaan akka dabalu gumaacha gochuu ibsaniiru.Kanaanis Itoophiyaan bara kana daawwattoota miiliyoona 1.4 keessummeessuun galii turiizimii doolaara biliyoona 5.2 ol argachuu kaasaniru