Finfinnee,Waxabajjii 23, 2018 (FMC) – Tapha moo’anii darbuu Waancaa Addunyaan Paaraaguwaay guyyaan Jarman itti injifatte ayyaana biyyaalessaa akka ta’u labsite.Paaraaguwaay osoo hin eegamne shaampiyoonaa yeroo 4 Jarman injifachuun marsaa itti aanuuf dabarteetti.Paaraaguwaay, taphni idilee galchii 1qixaan xumuramuu hordofee rukkuttaa adda bahiinsaa galchii 4 fi 3’n Jarman injifachuun kan yaadatamuudha.Injifannicha hordofee Pireezidaantiin biyyattii Saantiyaagoo Peenaan guyyaan har’aa ayyaana guyyaa injifannoo biyyaalessaa akka ta’u labsaniiru.Paaraaguwaay tapha nuusa xumuraaf darbuuf Faransaayii fi Siwiidiin keessaa kan injifate waliin taphatti.#Oromia #Ethiopia