Finfinnee, Waxabajjii 25, 2018 (FMC) – Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad naannoo Kibba Itoophiyaatti hojiiwwan damee qonnaa fi agiroo-pirosasingiin argine abdii namaaf kennan jedhan. Dooktar Abiy Ahimad magaalaa Arbaa Minciitti ijaarsi waarshaalee oomishaalee fuduraalee qopheessanii jalqabamuu eeranii, waarshaaleen kunneen yeroo xumuraman cuunfaa fuduraalee gara alaatti erguuf akka dandeessisan ibsaniiru. Dabalataanis, sagantaa Maaddii Guutuutiin waarshaaleen aannaan qopheessan kanneen magaalaattii keessatti ijaaraman, oomisha dheedhii caalaa oomishaalee qophaa’an gara alaatti erguuf carraa fidu jedhaniiru. Bu’aan damee qonnaa keessatti argame fi adeemsi gara agiroo-pirosasingiitti ceesisuuf jiru baay’ee abdii namaaf kan kennu ta’uu dubbataniiru. #Oromia #Ethiopia