Taphoonni mo’anii darbuu Waancaa Addunyaa har’as itti fufuun ni taphatamu

Wait 5 sec.

Finfinnee,Waxabajjii 24, 2018 (FMC) – Taphoota mo’anii darbuu Waancaa Addunyaan morkiin har’a Ingilaandi DR Koongoo, Beeljiyeem ammoo Seeneegaal waliin taasisan ni eegama.Har’a galgala sa’aatii 1:00 eegalee Ingilaandi Rippaablika Diimokiraatawaa Koongoo waliin taphatti.Biyyoonni lamaan yeroo jalqabaaf waliin taphatu.Akkasuma halkan sa’aatii 5:00 jalqabee falmiin Beeljiyeem Seeneegaal waliin taasiftu ni eegama.Halkan Iyya Handaaqqoo sa’aatii 9:00 eegalee Ameerikaan Boosiniyaa waliin morkatti.Taphoota mo’anii darbuu hanga ammaatti taphatamaniin Kaanaadaa, Moorookoo, Biraaziil, Paaraaguwaay, Noorweey, Faransaayii fi Meeksikoon marsaa itti aanuutti darbuu mirkaneeffataniiru.#Oromia #Ethiopia