Balaa Kirkira lafaa Veenzuweelaatti mudateen daa’imni waggaa 3 guyyoota 6 booda lubbuun argame

Wait 5 sec.

Finfinnee,Waxabajjii 24, 2018 (FMC) – Balaa Kirkira lafaa Veenzuweelaatti mudateen daa’imni waggaa 3 guyyoota 6 booda jigjiga keessaa lubbuun argameera.Lubbuu baraartootni ammas hojii lubbuu baraaruu hojjetaa jiru.Hojii hojjetamaa jiru kanaan daa’imni waggaa 3 Kiilibar Mooraan jedhamu Bulchiinsa Laaguuweeraatti guyyoota 6 booda jigjiga keessaa lubbuun kan argame yoo ta’u, yaalli sadarkaa jalqabaa taasifamuufin yaala dabalataaf gara Hospitaalaa galeera.Pireezidaantiin Veenzuweelaa Deelsii Roodiriigeez daa’imichi haala gaarirratti kan argamu ta’uu eeruun, daa’imichi lubbuun argamuun ummataa biyyattiif abdiidha jedhan.Ammaas carraan namoonni biroo lubbuun argamuu jiraachuu eeruun, hojiin lubbuu baraaruu cimee akka itti fufu himan.Balaa kirkira lafaa kanaan lakkoofsi namoota lubbuun darbanii kuma 1 fi 943 gaheera.Namoonni kuma 10 ol ta’an miidhaa qaamaaf saaxilamuu fi kumaatamaan kan lakkaawwaman ammoo achi buuteen isaanii hanga amamatti hin beekamne.Balichaan gamoowwan kumni 58 fi 870 barbadaa’uun BBC’n gabaaseera.Tigisti Getaachootiin#Oromia #Ethiopia