Baajatni bara kanaa kutaalee hawaasaa galii gadi aanaa qaban bu’uura kan godhateedha – Ministeericha

Wait 5 sec.

Finfinnee,Waxabajjii 23, 2018 (FMC) – Manni Maree Bakka Bu’oota Ummataa Walga’ii idilee 29ffaa gaggeesseen karoora bara 2019 irratti hoggantoota Ministeera Maallaqaa waliin mari’ateera.Gaaffii fi yaada miseensota mana marichaarraa ka’aniif ibsa kan laataan Ministirri Ministeera Maallaqaa obbo Ahimad Shiideen, baajatni bara 2019 kutaalee hawaasaa galii gadi aanaa qabanii tilmaama keessa galchuun jireenya maatii Itiyoophiyaa hunda irratti dhiibbaa gaarii kan qabu ta’uu ibsaniiru.Humna bituu lammiilee kan guddisuu fi qaala’iinsa jireenyaa to’achuuf akka dandeessisu baasiwwan hawaasummaa tilmaama keessa galchuun kan qophaa’e ta’uu kaasan.Diinagdee mandhalee yeroo ammaa jiru bu’uura keessa kan galchee fi cabiinsa diinagdee dura ture fayyisuuf kan dandeessisuudha jedhan.Waggoota itti aanaan keessa maddoota galii babal’isuun dandeettii faayinaansii guddina dinagdee waliin walsimu uumuuf akka hojjetamu eeraniiru.Baajatni bara 2019 waliigala barnoota, dhimmoota hawaasummaa, fayyaa, Inarjii fi dameewwan biroo irratti xiyyeeffachuu isaa mana marichaaf ibsa taasisaniiru.#Oromia #Ethiopia