Finfinnee, Waxabajjii 30, 2018(FMC) – Tarsiimoon dippiloomaasii keenyaa bu’aa biyyaalessaa kan bu’uureffateedha jedhan Ministirri Muummee dooktar Abiy Ahimad.Ministirri Muummee RDFI Dooktar Abiy Ahimad gabaasa raawwii hojii bara baajataa 2018 fi karoora bajaataa 2019 ilaalchisee gaaffii fi yaada misseensota Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataarraa ka’aniif ibsa kennaniiru.Ibsa isaaniinis, tarsiimoon dippiloomaasii Itiyoophiyaan hordoftu dandamachuu, fayyadamuu fi Leenjissuu akka ta’e dubbatanii, rakkoo dippilomaasii addunyaa keessatti mul’atu tarsiimoo kanaan mo’achuun akka danda’amu jala muranii hubachiisaniiru.Waraanota gurgoddoo addunyyaa irra jiran keessatti barnoota guddaa arganneerra kan jedhan Dooktar Abiy hanqinoota mudatanis madaallii keessa darbamuu dubbatan. Diinonnis tarsiimoo haaluu, hirraanfachuu fi hawwii fayyadamuun abjuu dulloomaa qabatanii nagaa fi biyya jeequuf akka yaalan eeranii, Itiyoophiyaan birmaddummaa ishee kabachiisuuf amma ga’umsa cimaa irra jiraachuu hubachiisaniiru.Rakkoolee dippiloomaasii addunyaa jijjiiramaa fi tilmaamamuu hindandeenye kana keessatti Itiyoophiyaan kallattii faayidaa irratti hundaa’ee hordfuun qormaatilee mo’achuuf akka hojjettus hubachiisan.#Oromia #Ethiopia