Sagantaa walitti hidhamiinsaa fi dhaqqabamummaa baadiyyaa lammiilee miliyoona 3 ol fayyade…

Wait 5 sec.

Finfinnee, Adoolessa 3, 2018 (FMC) – Sagantaa walitti hidhamiinsaa fi dhaqqabamummaa baadiyyaa wabii nyaataaf jedhuun lammiileen miliyoona 3 ol fayyadamtoota ta’aniiru jedhan Ministirri Magaalaa fi Misooma Bu’uraalee Caaltuu Saanii.Koreen Olaanaa Fedeeraalaa ” Sagantaa Walitti Hidhamiinsaa fi Dhaqqabamummaa Baadiyyaa Wabii Nyaataaf”Ministeera Magaalaa fi Misooma Bu’uuraalee yaa’ii kan waggaa gaggeessaa jira.Aadde Caaltuu Saanii yeroo kana akka jedhanitti, sagantaan walitti hidhamiinsaa fi dhaqqabamummaa baadiyyaa wabii nyaataaf ta’u kun ce’umsa baadiyyaa ariifachiisaa jira.Sagantichi baadiyyaa keessatti misooma bu’uuraa daandii babal’isuun, guddina diinagdee ariifachiisuu fi ce’umsa baadiyyaa mirkaneessuu keessatti shoora guddaa gumaachaa jira jedhan.Sagantichaan bara baajataa qabame kanatti pirojeektonni kuma1 fi 123 raawwatamuu eeranii; kanaanis lammiileen miliyoona 3 ol fayyadamtoota ta’uu himaniiru.Pirojeektiin walitti hidhamiinsaa fi dhaqqabamummaa baadiyyaa wabii nyaataaf ta’u kun Baankii Addunyaa fi gumaacha naannoleetiin kan hoogganamu fi oomishtummaa lammiilee mirkaneessuuf pirojektii hojiirra oolaa jiruu dha.Haannaa Taaddasaatu gabaase#Oromia #Ethiopia