Chaayinaatti balaa ibiddaa warshaa Kophee irratti mudateen lubbuun namoota 28 darbe

Wait 5 sec.

Finfinnee, Adoolessa 3, 2018(FMC)- Kibba Bahaa Chaayinaa magaalaa Jiinjiyaangitti balaa ibiddaa warshaa Kophee irratti mudateen lubbuun namoota 28 darbe.Balichi gamoo Huuyitiing Fuutiweer irratti kan mudate yoo ta’u wayita balaan kun ka’u namoonni 240 ta’an gamocha keessa akka turan eerameera.Pireezidaantiin biyyattii Shii Jiinpiing dhimmicha ilaalchisuun ibsa kennaniin balaa mudateen miidhaa guddaan qaqqabuu dubbataniiru.Balicha ariitiin to’achuufi hojii lubbuu baraaruuf ogeeyyiin 500 ol bobbaafamuus ibsaniiru.Ka’umsi balichaa ariitiin akka qulqulleeffatamuufi namoonni miidhaa qaqqabeef sababa ta’an akka gaafataman ajaja dabarsaniiru.Jiinjiyaang kopheewwan Ispoortii addunyaa %20 kan itti oomishamu yoo ta’u “magaalaa Kophee” Chaayinaa jedhamuun akka waamamtus BBC’n gabaaseera.Malkaam Fiqaaduun.#Oromia #Ethiopia