Karoora tarsiimawaa qophaa’een hiyyummaa injifachuun danda’ameera- Obbo Saadaat Nashaa

Wait 5 sec.

Finfinnee, Adoolessa 4, 2018 (FMC)- Karoora tarsiimawaa qophaa’een hiyyummaa injifachuun danda’ameera jedhan Sadarkaa Pireezidaantii Itti Aanaatti Qindeessan Kilaastera Hawaasummaa Oromiyaa obbo Saadaat Nashaan.Kilaasterri Hawaasummaa Oromiyaa raawwii hojii kurmaana 4ffaa kan bara 2018 qorachaa jira.Gamaggamicha irratti Obbo Saadaat Nashaa haasawaa taasisaniin, Mootummaan Naannoo Oromiyaa hojiilee fayyadamummaa hawaasa mirkaneessuu danda’aniif xiyyeeffannoo kennee karoora tarsiimawaa qopheessuun hojii hojjechaa jiruun milkaa’inoonni gurguddaan argamuu ibsaniiru.Kanaanis ergamoota gurguddoo kanneen akka hiyyummaa injifachuu, dhaloota barnootaafi Teekinolojiin ga’oome horachuufi sirna cimaa ijaaruu qabatee hojii hojjeteen gadadoo yeroo biyya keenya irra ture hiyyummaa injifachuun, dhaloota ga’umsa, dandeettii, beekumsaafi ogummaa qabu horachuufi sirna jabaa ijaaruun danda’amuu Obbo Saadat himaniiru.Gama fayyaan hawaasa fayyaa qabeessa horachuuf, gama barnootaan hawaasa waan hundaan ga’oomeefi qaroome horachuuf, dargaggootaafi dubartoota gurmeessuun qaama diinagdee taasisuufi haaromsa aadaafi aartiinis hojii hojjetameen bu’aaleen gaggaariin argamuu dubbataniiru.Gama sirna ijaaruunis Mootummaan Ganda irraa kaasee caasaa mootummaa cimaafi paartii cimaa ijaaruu himuun, barri 2018 bara injifannoon gurguddaan keessatti galmaa’e ta’uu kaasaniiru.Gamaggamichaan hojiilee hojjetamaa jiraniin milkaa’inootaafi hanqinaalee adda baasuun kallattii fuulduraa kaa’uf ta’uu himaniiru.Gamaggama kanaanis gabaasni raawwii hojii bara 2018fi karoorri bara 2019 seektaraalee dhiyaachuun irratti ni mari’atama.