Finfinnee, Adoolessa 5, 2018(FMC)- Ergamni Itiyoophiyaa bu’uuraalee misoomaan walitti hidhuu cimee itti fufa jedhan Ministirri Muummee Itti aanaan obbo Tamasgeen Xurunaan.Buufanni xiyyaaraa Mootii Taklaayimaanot bakka Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad argamanitti guyyaa har’aa eebbifameera.Obbo Tamasgeen Xurunaa ergaa miidiyaa hawaasummaa isaaniin dabarsaniin, tajaajilli geejjiba xiyyaaraa kun eegaluun tuurizimiifi daldala naannawichaa ni saffisiisa jedhamee akka eegamu ibsan.Dabra Maarqoos waggoota 60 dura buufata xiyyaaraa qabaachuu yaadachiisanii, waggoottaniif erga tajaajilee booda akka dhaabbatu godhamuus kaasaniiru.Mootummaan jijjiiramaa gaaffiin uummataa sirrii ta’uu hubachuun deebii kennuu eeraniiru.Ergamni mootummaa Ida’amuu Itiyoophiyaa bu’uuraalee misoomaan walitti hidhuufi tokkummaa sabdaneessaa ijaaruu akka ta’e kaasanii, ergamni kun cimee kan itti fufu ta’uu ibsaniiru.#Oromia #Ethiopia