Obbo Charuugeetaa Gannanaa Hojii Raawwachiisaa duraanii Faanaa Miidiyaa Korporeeshin obbo Admaasuu Daamxoo waliin walharkaa fuudhiinsa hojii taasisaniiru.Waggoottan lamaan darbaniif Ministir Deetaa Ministeera Nageenyaa ta’uun kan tajaajilan obbo Charuugeetaan, guyyaa har’aa Hojii Raawwachiisaa Olaanaa Faanaa Miidiyaa Korporeeshin ta’uun hojii isaanii kan eegalan yoo ta’u miseensota Maaneejimantii waliinis walbaraniiru.