Finfinnee, Adoolessa 5, 2018(FMC)-Ameerikaan halkan edaa Iraan irratti haleellaa marsaa sadaffaa wayita raawwattu Iraan tarkaanfii deebii kennuu buufataalee Waraanaa Ameerikaa naannawichatti argaman irratti fudhachuu beeksisteetti.Ajajni giddugaleessaa Waraana Ameerikaa( CENTCOM) Iraan doonii boba’aa Qoophiroos karaa ulaa Hoormuuz darbaa turterratti haleellaa raawwachuu ibseera.Ajajichi ibsa baaseen haleellichaan qaamni doonii kanaa gubachuufi hojjetaan doonichaa butamuurraan kan ka’e imala ishee itti fufuu akka hin dandeenye eereera.Waraanni Ameerikaa haleellaa kana hordofee tarkaanfii waraanaa marsaa sadaffaa buufataalee miisaa’elaa, humna galaanarraa fi diroonii Iraan irratti haleellaa raawwachuu beeksiseera.Iraan gama isheen buufata humna qilleensaa Kuwaataar Al Udeeyid dabalatee buufataalee waraanaa Ameerikaa Baahireen, Kuweet fi Joordaanitti argaman haleeluu beeksifteetti.Waliigaltee dhukaasa dhaabuu cabsuun wal himachaa kan jiran biyyoonni lameen haleellaa aggaamamuuf deebii kennamu hordofee muddamni naannawichaa cimee itti fufuu Aljeezraan gabaaseera.Malkaam Fiqaaduun.#Oromia #Ethiopia